søndag 31. mai 2015

Yuuniversitiilee Gara Garaa Keessatti Ka’e Gaaffiin Mirgaa Barattoota Oromoon Itti Fufe.

DSC00047Yuuniversitii saayinsii fi teknoloojii Adaamaa keessatti Caamsaa gaafa 27/2015 barattootni waraqaa garagaraa mooraa keessatti facaasuun
kan dhagayame YEROO BILISUMMAAN KEENYA DHIYAATE KANATTI HIN CALLISNU YAA BARATTOOTA OROMOO KA’AA kan jedhu barattootni waraqaa balaliituu bittimsuun eegduwwan mootummaa Wayyaanee bakkaa kan sochoose tahee jira, akkasuma yuuniversitii Bulee Horaa, Madda Walaabu fi Haromayyaa keessatti walleewwan qabsoo dhageessisuu, mootummaa Wayyaanee hin barbaannu, bulchiinsi Wayyaanee nugaheera jechuu fi barumsa dhaabuun gara FDG olkaasuun uummata dhageesisuu fi hirmaachisaa jiraachuu Qeerroon gabaasaa jira.
Gaafa Caamsa 29/2015 barattootni mooraa Yuuniversitii Bulee Horaa keessaa qabamanii bahan yeroof maqaa isaanii argachuu baannus ilmaan Oromoo sabboonummaa qabanii fi kijibni mootummaa Wayyaanee wayita kana aangoo isaa itti fufee jiraachuuf karoorfate kun yoomiyyuu cal kan nama hin jechiisne tahuu barattootni diddaa gaggeessanii fi kanneen fincila kaasuuf adda dureedha jedhamanii shakkaman tikoota wayyaaneen qabamanii mooraadhaa bahuus gabaasni Qeerroo nugahe hubachiisa. FDG ammas haaluma wal irraa hin cinneen itti fufee jiruudha.
go to link http://qeerroo.org/2015/05/31/yuuniversitiilee-gara-garaa-keessatti-kae-gaaffiin-mirgaa-barattoota-oromoon-itti-fufe/

Ingen kommentarer:

Legg inn en kommentar