fredag 8. mai 2015

Loltooti Wayyaanee Uummata Magaalaalee Gooluu fi Nagaa Dhorkachuu Itti Fufuun Sakkatta’aa fi Doorsisaan Uummata Dararaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Gabaasa  Qeerroo Finfiinnee Caamsaa 8,2015
IMG_20150507_150925-1Wayyaaneen TPLF  bakka uummanni itti heddummatu bu’aa fi sodaa filannoo isaaf jecha uummata nagaa keessa poolisii tamsaasee nagaa booressuun magaala Finfinnee fi magaalota Oromiyaa adda addaa keessatti yeroo ammaa kan jabaatee jiruudha. Gabaasota kutaalee magaalaa Finfinnee garagaraa irraa har’a Caamsaa 7,2015  Qeerroon gabasu namni gurmuudhaan yoo dhaabbate, bakka taa’umsaa fi walitti qabama uummata gidduu poolisoota seensisuun uummata bittimsuu kan eegale mootummaan Wayyaanee keessattuu kutaa magaalaa Kiiloo 6, Waddeessa(Piassa),Gullallee, Askoo, Makkanniisaa kutaaleen kunneen naannoo uummanni Oromoo itti heddummatus tahus sodaan mootummaa Wayyaanee yeroo ammaa uummata Oromoo fi keessattuu Qeerroo Oromoo irraa waan taheef humni waraanaa gurmuu gurmuudhaan, poolisoonni nama nagaa daandii irra deemu doorsisuu fi nagaa dhorkuudhaan hojii fardeessoo godhatanii ka’anii jiru.
Kanuma waliin Shaggar Kaabaa naannoo Sulultaa irratti duulli sakatta’iinsaa ganda ganda keessatti adeemsifamaa jira. uummanni qonnaan bulaa aanaa Sulultaa keessa jiraatu mootummaa waliin diina ta’ee jira,mootummaadhaaf hin ajajamu, halkan halkan barruun ABO maxxanfamee bulaa, daandiin halkan keessaa sa’aa 7:00-9:00 gidduutti mukeenii fi dhagaadhaan konkolaataan akka hin dabarreef cufama qaama kana hojjetu yeroo sakattaanee hordofnees bira gahuu hin dandeenye kan jedhamuun mootummaan caasaa aanaa Sulultaa irraa qabuun mirkaneeffataa dhufeen naannoo Caancoo fi magaala isaa keessa humni waraanaa kan buufatee fi magaalaan Sulultaas poolisii wayyaaneen kan sakatta’amaa oolte tahuu Qeerroon gabaase. IMG_20150507_150946-1
Odeessa Qeerroo magaalota Oromiyaa gurguddoo garagaraa irraa gabaasu sochii uummanni oromoo taasisuun, sochii barattootaa fi Qeerroon Bilisummaa gaaffii karaa nagaan itti fufee jiruun wal qabsiisuudhaan mootummaan wayyaanee poolisootaa fi humna ittisa biyyaa uummata keessa facaasee nagaa booressuu fi mana namaa fi galma garagaraa sakattaasisuu gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.
go to link http://qeerroo.org/2015/05/08/loltooti-wayyaanee-uummata-magaalaalee-gooluu-fi-nagaa-dhorkachuu-itti-fufuun-sakkattaaa-fi-doorsisaan-uummata-dararaa-jiraachuu-qeerroon-gabaase/

Ingen kommentarer:

Legg inn en kommentar