onsdag 6. mai 2015

Guyyaan Gootota Oromoo Caamsaa 2, 2015 Magaalaa London Keessatti Sirna Ho’owwan Kabajame

Ayyanichi kan eegale Eebba manguddoon ture. Itti aansuun dungoo qabsisuun dhan yaadannoon Gootota Oromoo daqiiqaa lamaaf tahee jira.
Dura Taa’aa ABO Kutaa UK J/Dr Baraiisaa Guutamaa guyyaa goototaa ilaalchhisee ibsa godhan keessatti ilmaan Oromoo waggoota dheeraa mirgaa isaaniif falmaa turan, ammas itti jiran yaadachuuf jedhaniiru.
Wareegamni Oromoon kafalaa jiru yeroo yeroon dabalaa dhufee ammaan tana sadarkaa ol’aanaa gahee jira. Kunis akkuma Oromoo dammaqee daangaa irraa daangaatti falmannaan isaa jabaate wareegamni irra gahus akkasuma jabaatee jira.
Haala kana keessatti furmaatni Oromoon qabu wal qabatee; tokkummaa isaa jabeeffatee falmuu qofa.
Oromoon humna waraana isaa fi sochii ummataa yoo jabeeffate malee jijjimrama fiduu hin dandahu. Kanaaf WBO jabeessuu fi sochii qeerroo utubuun murteessaa dha.
Qabsoon bilisummaa Oromoo fuuldurattillee wareegama guddaa gaafata. Kanaaf ummatni Oromoo biyya keessaa fi ala jiraatan kana hubatanii tokkummaa fi jabinaan falmatee rakkina kana keessaa of baasuu dirqama.
Itti annasuun miseensotnii fi deeggartootni ABO qabsoo Oromoo jabeessuuf waan qabatamaa tahe gummachuu qabna. Qaamni qabsoo Oromoo geggeessanis itti gaafatamummaa fudhacuu qabu.
Dhabni siyaasaa Oromoo fi ummatni Oromoo waliin tahee yoo hojjete Oromoon mirga isaa goncfachuu fagoo hin tahu jedhaniiru.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!
London, UK
GGO_London2015_1
GGO_London2015_8
GGO_London2015_2
GGO_London2015_7
GGO_London2015_3
GGO_London2015_4
GGO_London2015_6
GGO_London2015_5

Ingen kommentarer:

Legg inn en kommentar