Gabaasa Qeerroo Jimmaa Caamsaa 5,2015
Bulchiinsii Yuunivarsiitii Jimmaa gaggeessuummaa fi hoggansa a poolisii Komander Kaliid Abbaa Tamamii fi humnoota tikaa mootummaa EPRDF/TPLF’n gaggeeffama jirachuun saaxilame. Ergamtootni Wayyaanee kun utuu koreen naamusaa(Discipline Committee) jiruu gaaffii tokko malee barattoota Oromoo irratti gochaa diinummaa bahaa kan jiran ta’uun beekamadha. President Yuunibarsiitii Jimmaa Dr Fiqiree Lammeessaa dabalatee qamnii akka seeraatti bulchiinsa Yuunibarsiitii Jimmaa jedhamuun beekamuu utuu, hin beekiin, Barattoota oromoo irraa ID fudhuun doorsisuun, fi soadaachisuun(Mental turture) fi psychologically dhaloota qaroo boruu biyyatti bakka bu’uu doomsuun barattoota Oromoo irratti shirri guddaan dalagamaa jira. Ariisaa barattoota irratti utuu , President barattoota kan ta’ee bakka bu’aan OPDO’n filannoo barattoota malee dirqamaan barattoota irratti bobbafte illee utuu hin beekiin addaatti barattoota Oromoo iraatti shirrii mirga barachuu irraa mulquun barnoota irraa adabuu gaafatamummaa hogganaa Poolisii Mooraa yuunibarsiitii Jimmaa Kalid Abbaa Tamaamii fi humnoota tikaa Wayyaaneetiin ilmaan Oromoo Oromummaan Yakkamanii barnoota irraa arii’atama jiru.
Bifuma kanaan Barataan Oromoo tokko badii tokko malee utuu koreen naamusaa fi bulchiinsii Yuunibarsiitii kana balleessitee jedhee gorsaa fi akeekachiisa tokko illee itti hin kenniin barattoota Oromoo irratti beeksisa Waggaa lamaa fi isaa oliif arii’amteeta jedhu irratti maxxansuun barattoota Oromoo barnoota irraa arii’ama jiru, Haala kanaan Barataan Oromoo tokkoo Caamsaa 4/2015 barnoota isaa irraa waaggaa lamaaf arii’amteetta jechuun barnoota irraa ari’amuun walqabatee Barattootni Oromoo yuunibarsiitii Jimmaa guutummaatti barnoota dhaabuun FDG kaachisuuf kan murteeffatan ta’uu beeksifatan. Barataan oromoo haala kanaan arii’ame kunis:
- Barataa Abdii Guutataa barataa departmentii Ispoortii Waggaa 2ffaa barnoota isaa irraa waggaa 2f adabamuun beeksifame, kana malees humnootni tikaa mootummaa EPRDF/TPLF barattoota Oromoo irratti bilbiluun isin ajjeefna, barnoota irraa isin ariina jechuun doorsifni mirga dhala namaa fi mirga lubbuun jiraachuu ilma namaa sarbuu barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa irratti gaggeeffama jira, mooraan Yuunibarsiitii Jimmaa fi Magaalaan Jimmaas humnoota basaasaa, waranaa fi Poolisii federaalaan eegamaa jira. Magaalaan Jimmaa immoo addaatti Poolisii Federaalaan sakkattama jirti, Poolisootni Federaalaa wayyaanee EPRDF/TPLF taaskii konkolaataa illee dhaabanii sakkatta’uu fi uummata dararuu itti fufan.
Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa barnoota dhaabuun akeekaa faashistummaa fi Oromoo diina godhate kana dura dhaabbachuuf murtii dabarsan.
go to link http://qeerroo.org/2015/05/05/bulchiinsa-yuunivarsiitii-jimmaa-humna-poolisii-fi-tikaa-mootummaa-eprdftplfn-barattoota-oromoo-ariuu-fi-doorsisuu-itti-fufan-magaalaan-jimmaas-sakataamaa-jirti/
Ingen kommentarer:
Legg inn en kommentar