torsdag 21. mai 2015

Har’as,Waraanni Wayyaanee Mooraa Yuuniversitii Wallaggaa Weerare,Barattoota Oromoo Irratti Dhukaasuun Barattoota 5 Haalaan Madeessuun Hosptala Naqamte Seenan.

Oromo oromiaCaamsaa 20,2015 Waraannii Mootummaa wayyaanee EPRDF/TPLF Magaalaa Neqemtee fi Yuunivarsiitii Wallaggaa irra qubsiifamee jiru Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Wallaggaa irratti jumulaan rasaasa roobsuunyakka waraanaa barattoota irratti rawwate jira.
Godina Bahaa Wallaggaa Magaalaa Naqemtee keressatti kan argamuu Yuunivarsiitii Wallaggaa keessatti halkan edaa sa’aa 3:00 irratti loltootni mootummaa Wayyaanee Mooraa Yuunivarsiitii Wallaggaa seenuun barattoota irratti rasaasa roobsuun yakka waraanaa barattoota Yuunibarsiitii Wallaggaa irratti rawwatan. Yakka ulfaataa barattoota siivilii, homaa meeshaa tokko illee of harkaa hin qabne kana irratti rawwatameen barattootni Oromoo Shan haalaan madeeffamuun hospitaalaa Neqemtee galanii jiraachuun ibsame. Barattootni Oromoo madeeffaman kunis :
  1.  Barataa Qixxeessaa Buraayyuu barataa Geology waggaa 3ffaa bakki dhaloota godina Horroo guduruu Wallaggaa
  2. Barattuu Boontuu Waggarii barattuu Environmental science waggaa 2ffaa bakki dhaloota wallagga lixaa,
  3. Barattuu Dirribee Badhaasaa barattuu Enviromental Science waggaa 2ffaa bakki dhaloota wallagga lixaa,
  4. Barataa Amiin barataa afaan Oromoo waggaa 3ffaa fi
  5. Barataa Tashalee barataa Afaan Oromoo waggaa 3ffaa kanneen keessaatti argamani.
Yakka waraana mootummaan EPRDF/TPLFn uummata Oromoo fi barattoota Oromoo irratti fudhateen jiraattotii fi hojjettooti hostala Naqamtee haalaan kan gaddan yeroo ta’u Oromoonni adduunyaa irratti bakka hunda faca’anii jiran gochaa hammeenya wayyaanee kaan akka balaaleffatanii fi hirkoo baratootaaf akka ta’an Qeerroo dhaammata.
Gama biraan Haaluma kanaan walqabatee Yuunibarsiitiin Wallaggaa fi Magaalaan Neqemtee rafama guddaa keessa jirti, Mootummaan Wayyaanee lubbuu ilmaan Oromoo fi nageenya uummata Oromoof bakka tokko illee hin qabnee fi tarkaanfii gara jabinaa Oromoo irratti fudhachuun beekamu guyyaa har’aa caamsa 20/2015 immoo Magaalaa Neqemtee keessatti dabballota, fi
kaadiroota isaa waliin hiriira duula filannoo gaggeessa jira. Uummatni Oromoo magaalaa Neqemtee fi yuunibarsiitii wallaggaa humna waraanaa guddaan eegamaa jiruu, Barattootni Yuunivarsiitii Wallaggaa guyyaa hardhaa barnoota dhaabani jiru.
go to link http://qeerroo.org/2015/05/20/waraanni-wayyaanee-mooraa-yuuniversitii-wallaggaa-weerarebarattoota-oromoo-irratti-dhukaasuun-barattoota-5-haalaan-madeessuun-hosptala-naqamte-seenan/

Ingen kommentarer:

Legg inn en kommentar