torsdag 14. mai 2015

Gadnoota Godina Jimmaa Ona Qarsaa Keessatti Barruuleen Warraaqsa Bilisummaa Maxxanuun Wal Qabatee Mootummaan Wayyaanee Uummata Goolaa Jira.

Gabaasa Qeerroo Qarsaa,Caamsaa 13,2015
41Godina Jimmaa ona Qarsaa gandoota adda addaa keessatti ummata gooluu hojii idilee  godhachuun itti fufaa kan jiru mootummaan Wayyaanee Godina Jimmaa ona Qarsaa ganda qonnaan bulaa Kusaayee Beeruu keessatti poolisii oromiyaa tokkoo fi milishaa gandaa tokko mana tokkoon tokkoo sabboontota Oromootti ramaduun ilmaan Oromoo nagaan bahaa fi gala dhorkuun dararaa jiraachuu gabaasi nu gahe addeessa.
Sabboontonnii fi Qeerroon ganda Kusaayee beeruu barruulee warraaqsa fi beek-suuraa(poster) garagaraa gaafa Caamsaa10/2015 guutummaa gandichaa keessa raabsamuun daranuu Wayyaanee baarragsee jira. Guyyaa kana irraa eegaleeti Wayyaanen kan yeroo kaanii caalaa sabboontota hidhuu fi mana isaanitti ramadamtee sakatta’uu fi oolmaa guyyaa isaanii hordofuu jalqabde.Sabboontonni Oromoo guyyaa sana Oromummaa isaanin yakkamanii ganda kanatti guyyaa sana hidhaman sa’atii 24 booda gadi lakkifamanii jiru.Sabboontonnii fi Qeerroon aanaa Qarsaa. ganda Kusaayee beeruu gadi baanee galuu dadhabne jedhu.Yoo iddoo dhaa iddootti sochoones ummata nurratti kakaasaa jirtu jedhanii nu ugguru jedhu.
Akkuma beekamu mootummaan Wayyaaneen filannoo fakkeessii ofumaa qopheessitee ittiin hirriiba dhabaa jira.

Ingen kommentarer:

Legg inn en kommentar