fredag 22. mai 2015

Barattooti Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa Hamma Wixata Dhufuutti Akka Mooraa Hin Baane Mootummaa Wayyaaneen Dhorkaman.

IMG_20150509_060148Filmaata WayyaaneeMootummaan Wayyaanee filmaata sobaa sababeessuun barattooti Yuunibarsiitii Wallaggaa har’aa jalqabee hanga wiixata dhufuutti gadi hin ba’an jedhe filmaataa isaa sobaa kanaanis uummata irra deemee icciitii moo iftoominaan filattu jedhee uummata danqaa jira. Warreen icciitiin jedhes doorsisuu itti fufuudhaan adeemsa filannoo biyya kamiiyyuu kan hin hordofne iftoominaan nafiladhaa jedhchuun doorsisaa jira.
Odeessi bakkeewwan akka Wallagga lixaa Gullisoo,Wallagga bahaa Leeqaa Dullachaa irraa nu gahe akka agarsiisutti mootummaan Wayyaanee ana filachuu yoo baattan jiraachuu hin dandeessan jechuun uummaticha goolaa jira.
Kanaafis humna waraana isaa magaalaa Naqamtee masaraa Kumsaa keessa qubsiisuun uummaticha sodaachisuuf yaalus uummati magaalaa Naqamtee guyyaa kaleessaa hiriira ergamtuunshee OPDO ijoollee daa’immaniifi beerarraa kan hafe namni marti lagachuusaatti rifaatuu guddaa keessa lixxe.
Kana malees dargaggooti Oromoo akka alaabaa OPDO baataniif magaala keessa dura deemanii nu filadhaa jedhaniif dirqamnaan dargaggoonni kaabinoota diduun waroo salphinaa uwwisanii jiraachuu fi namni alaabaa OPDO baatu dhibamee akka jiru odeessi Qeerroo Naqamte irraa addeessa.
go to link http://qeerroo.org/2015/05/22/barattooti-oromoo-yuuniversitii-wallaggaa-hamma-wixata-dhufuutti-akka-mooraa-hin-baane-mootummaa-wayyaaneen-dhorkaman/

Ingen kommentarer:

Legg inn en kommentar