tirsdag 19. mai 2015

Oromiyaa Gara Kibba Dhihaatti Kan Arrgamtuu Magaalaan Jimmaa fi Yuunivarsiitiin Jimmaa Eeggumsa Humna Waraana Wayyaanee Jala Galtee Jirti,

Camsaa 19/2015 Oromiyaa Gara Kibba Dhihaatti Kan Arrgamtuu Magaalaan Jimmaa fi Yuunivarsiitiin Jimmaa Eeggumsa Humna Waraana Wayyaanee Jala Galtee Jirti, Ummanni Oromoos humna waraanaa raayyaa ittisa sirna TPLFn marfamte.Mootummaan Wayyaanee muddamaa fi raafama siyyaasa guddaa keessa galee kan jiruu, olola maqaa misoomaaf dhaga bu’uuraa kaa’uun buufata xiyyaaraa fi Baaburaa isiniif hojjechiifna jechuun uummata gowwomsuuf Angawootni wayyaanee H/Maariyaam Dassaleen durfamu gara Godina Dhiha Oromiyaatti duula kan jiruu torbee darbee keessa Godina Lixa Shaggar Amboo fi Godina bahaa Wallaggaa Naqemteetti duuluun simannaa uummataa dhabuun hedduu ittumaa muddama keessa seenuun, guyyaa har’a mataan Wayyaanee H/Maariyaam Dassaaleenyi dabballoota isaa qabachuun gara gara Godina kibba dhiha oromiyaa Magaal;aa Jimmaa seenuun dabballoota isaa malee simannaa uummata dhabuun daandii baaburaa fi xiyyaaraa isiniif galchina jechuun dabballoota isaaf dhagaa bu’uuraa kaa’uun dabballootni isaa aanaa godinicha bakka bu’uun argamaniif kaabinoota aanaa fi dabballoota wayyaanee yoo ta’uu, guyyaa hardhaasa Simannaa uummata baldhaa Oromoo godina Jimmaa waan dhabaniif muddama keessa seenuun uummatni FDG nurratti kaasuuf jechuun humna waraana ittisa biyyaa mooraa Waraana dhihaa kan Magaalaa Jimmaa keessatti argamu kutaa waraana 44ffaa (44nyaa kifile Xoor) jedhamu keessa gadii baasuun Magaalaan Jimmaa fi Yuunivarsiitiin Jimmaa humna waraanaan marfamtee eegamaa jirti. Sakkatta’insii guddaan uummata Oromoo fi sabaa fi sablammoota magaalaa Jimmaa fi barattootaa fi hojjettoota irratti godhamaa jiraachuun ibsame.

Ingen kommentarer:

Legg inn en kommentar