søndag 24. mai 2015

Caamsaa 24/2015 Mooraan Yuunibarsiitii Jimmaa, Mattuu, Wallaggaa, Amboo, fi Dirree Dawaa addatti humni waraanaa guddaan itti seenee jira.

 Qeerroon Bilisummaa Oromoo barruulee warraaqsaa belbetuu qabxiiwwaan armaan gadii of irraa qabduu Mooraalee Yuunibarsiitii biyyaatti hundarra facaasuun mootummaa Wayyaanee raafama guddaa keessa galche jira. waraanni wayyaanees bifa lamaan mooraa Yuunibarsiitii seenaa jira, inni tokko uffata sivilii uffachuun, inni lammaffaa immoo hidhannoodhan, barruulee qeerroon facaasaa jiruu adamsuufis lafa waranni kun hin seeniin hin jiru, qabxiiwwaan barruu qeerroo irra jiru muraasni isaa: 1. Dimookiraasiin hin jiru, filannoon hin jiru (No Democracy in Ethiopia and no fair and free election in Ethiopia)
2. Gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoof deebiin kennamuu qaba.
3. Ilmaan Oromoo jumlaan hidhaman gaaffii tokko malee hiikamuu qabu.
4. Mootummaan Ce’umsaa hundeeffamee, filmaanni demookiraatawaa ta’ee fi haqaa fi bilisa irratti hundaa’ee akka gaggeeffamu jabeessinee gaafatna.
5. Nuti Qeerroon dargaggootni barattootni Oromoo bilisummaa fi dimookiraasii barbaadna, hanga Oromoon bilisoomuu fi Oromiyaan Walaboomtutti FDG jabaatee itti fufa.
6. Waranni nagaa biyyaa,fi daangaa biyyaa eeguuf ijaarame malee dhaaba siyaasaa tokkitti EPRDF/TPLF eeguuf hundeeffame diigamuu qaba.
7. Humni waraanaa Mooraa Yuunibarsiitii seenee barattoota gooluun yakka. waraannii uummata keenya irra qubsiifame kaafamuu qaba, barruun jedhuu mooraalee dhaabbilee barnootatti raamsuun wal qabatee wayyaaneen lafa seentuu dhabuun humna waraanaa guddaa mooraalee Yuunibarsiitiitti ol seensisuuf dirqamtee jiraachuun gabaafame.. gabaasaan itti fufa!!

Ingen kommentarer:

Legg inn en kommentar