søndag 10. mai 2015

Godina Baaleee fi Bakkoota Adda Addaa Keessatti Dhimma Filannootiif Ijoolleen Keessan Jeequmsa Akka Hin Kaasne Sababa Jedhuun Maatii Barattootaa Dirqiin Mallessisaa Jiru

Odeessa Qeerroo Caamsaa 8,2015
ah
Godina Baalee manneen barnootaa sadarkaa 1ffaadhaa hanga qophaayinaatti barattootaa maatii isaanii waamsisuudhaan guyyaa filannootti fincilli tokko akka hin uumamneef mallatteessa jechuun mootummaan Wayyaanee maatii barattootaa dararaa jira. Filannoon as dhiyaatee jira, barattootni sochii isaan agarsiisaa jiran filannoodhaaf shakkii guddaa keessa mootummaa buusera, kanaaf batataan kamiyyuu farra filannoo
tahee kan mul’atu yoo tahe mootummaan guyyaadhaan tarkaanfii irratti fudhata,isa kanaaf maatiin ijoollee keessan gorfachuu, adabachuu, mootummaan dhaamsa dabarsa kan jedhan caasaan mootummaa dhimma kanaaf godina kanatti ergame maatii barattootaa waamsisuun dubbiin dalga itti galte, qonnan bulaa, maatiin barattootaas nutis tahe barataan keenya, ijoollen keenya gaaffii isaanii kan mirga guutuu eegsifatuu dubbachuun mirga qabu, filannoo diimokiraasi jettu uummanni biyyattii maqaa diimokiraasii jedhu malee gochaan argee hin beeku kan hojjetamu faalla isaatii, ijoolleen keenya kaayyoo mul’ata qabun durfamanii jiru, yoomiyyuu barattoota keenya waliin jirra kan jedhan maatiin barattootaas deebii kennan.
Aanaalee kanneen akka Ginnir,Gooroo,Raayituu,Agarfaa fu Barbaree qonnaan bulaan ija jabinan tika mootummaa dura dhaabbatuun sobaan aangoon nurratti hin dagaagin, doorsisi nurraa haa dhaabbatu, nuti filannoo hin beeknu maqaa filannootiin kanaan booda nu doorsisuu mootummaa hin barbaannu kan jedhan qonnaan bulaan 15 ol tikaan qabamuu Qeerroon gabaase, Qeerroon godina Baalee keessa jiraatu filannoo Wayyaanee barana gaggeeffamu gufuu bilisummaa oromoo tahuu hubannee uummata keenya waliin dhaabbanne fesheleessuu akka qabanis dhaamsa dhaammachuu fi wal kakaasuu gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.
go to link http://qeerroo.org/2015/05/08/godina-baaleee-fi-bakkoota-adda-addaa-keessatti-dhimma-filannootiif-ijoolleen-keessan-jeequmsa-akka-hin-kaasne-sababa-jedhuun-maatii-barattootaa-dirqiin-mallessisaa-jiru/

Ingen kommentarer:

Legg inn en kommentar