mandag 15. juni 2015

Mootummaan Wayyaanee Dargaggoota Oromoo Baadiyyaa Jiraatan Dirqiin Waraana Isaatti Akka Dabalamaniif Qajeelcha Kenne.

10156115_487899351374405_2097309580583210508_nWayyaaneen dargaggoo baruumsa xummuuran maallaqaa fi ogummaa barattuu gara hoomaa adda waraanaa deemaa jechuun ganda baadiyyaa keessa naanna’uun olola afarsaa jira. Yeroo ammaa kana dargaggoon Oromoo fincila fi diddaa gabrummaa kaasaa jira sababaa jedhuun gara adda waraanaatti akka deemaniif beeksa baasuun dirqisiisaa jiraachuu gabaasi Qeerroo addeessa.
Haala kanaan gandoota Godina Shaggar Aanaa Sulultaa hunda keessaa dargaggoo adamsuunii fi  maallaqaan goyyoomsuun gara adda waraana Wayyaaneetti akka makaman gochaa jiru.Qondaalonni Wayyaanee gartuu nama sadii sadiin gandoota baadiyyaa maratti bobbaa’uun dargaggoota dirqisiisuu fi maallaqaanis sossobuun gara Waraana Wayyaaneetti galmaawanii deemsisuuf qophii godhaa jiraachuu fi beeksisa dhimma kanaas baasanii akka jiran beekama.
go to link http://qeerroo.org/2015/06/15/mootummaan-wayyaanee-dargaggoota-oromoo-baadiyyaa-jiraatan

Ingen kommentarer:

Legg inn en kommentar