onsdag 30. april 2014

FDG Itti Fufuun Gootonni Barattooti Oromoo Magaalaa Naqamteetti Alaabaa Habashaa Guban. Har’a Ebla 29,2014 FDG Magaalota Gudar,Dambi Doolloo Fi Adaamaa Keessatti Eegale. Magaalaa .

Ebla 29,2014 Gabaasa Qeerroo

naqmteFincilli diddaa gabrummaa itti fufuun gootonni Qeerrooo Bilisummaa Oromoo magaalaa Naqamtee keessa jiraan diddaa jabeessuun har’a sa’aa 6:00 ganama irraa kaasee mana barumsaa Biiftuu irratti kan eegale uumataan wal qabtee diddaan itti fufuu gabaafame. Haala kanaan loltooti Mootummaa Wayyaanee barattoota Oromoo reebuu fi dararuun eenyummaa isaanii xiqqeessuun waan itti fufee jiruuf jecha Oromiyaan biyya abbaa qabu taatee bilisummaa barbaadna jechuun alaabaa Habshaa gubuun diddaa isaanii itti fufan. Haala kanaan loltooti Wayyaanee maqaan Agaazii jedhaman humna guddaan barattoota irratti bobba’anii akka jiran gabaasi nu gahe addeessa.
Gama biraan diddaan magaalota Gudearii fi Dambi Doolloo keessatti itti fufee jira.Magaalota Shambuu fi kannen hafan keessattis sa’aa kana akka eegalee jiru hogganni Qeerroo bilisummaa Oromoo ibsee jiraachuu dhagahama.
naqaNaqamte1

Ingen kommentarer:

Legg inn en kommentar