mandag 28. april 2014

FDG Barattoota Oromoo Yuuniversitii Madda Walaabuu Keessatti Har’a Ebla 28 Qabsiifame,

Ebla 28,2014 Madda Walaabuu
FDG yuuniversitiilee oromiyaa keessatti finiinaa akka jiru beekamaadha.Har’a Ebla 28 yuuniversitii Mattuu f Bulee Horaa keessatti FDG barattoota sabboontota oromootiin qabsiifame jabaatee oolee jira,mootummaan wayyaanee abdii kutannaa isa dhumaa keessa jira,halkanii guyyaa boqonna dhabuudhaan waraana isaa bakka adda addaatti tamsaasuudhaan kan beekame yoo tahu itti fufuudhaan guyyaama har’a Ebla 28 barattootni sabboototni oromoo yuuniversitii Madda Walaabuu irraa tokkummadhan FDG qabsiisanii oolanii jiru.Goototni barattoonni Oromoo yuunivarsiiti madda walaabuu hiriira nagaa guddaa mooraa yuunivarsiiti madda walaabuu keessatti walitti qabamuun gaaffiin barattootni keenyaa Yuunibarsiitii Jimma, Harammayyaa, Amboo, fi Wallaggaa kaasan gaaffii keenyaa waliigalaa waan ta’eef deebii argachuu qaba jechuun iyyaannoo isaanii bulchiinsa Yuunibarsiitii Madda walaabuutti galchachuun, hiriira guddaa kan barattoota dargaggoota Oromoo 5000 ol kan irratti hirmaachiisee akka ture barattoonni yuunivarsiiti Madda walaabuu ibsaniiru. hiirira isaaniis milkiin akka xumuuran dubataniiru.gaaffiin isaan qabatanii ka’an gaaffii mirgaa yuuniversitiilee biroo adda kan hin taane:-
1.Oromiyaan kan oromooti habashaan nun bittu,
2.Finfinnee fi naannowaan finfinnee kan oromooti,kanaaf kan murteeffatu kan uummata jiraattota oromooti,finfinneen mataan isheenuu bulchiinsa oromiyaa jala galuu qabdi,naannoon Finfinnee federaala jala galuun gonkumaa hin tahu,
3.Siidaan bineensicha minilik magaalaa Finfinnee keessaa buqqa’ee siidaan gootota oromoo nuuf haa ijaaramu,
4.Afaan oromoo afaan federaalaa tahuu qaba,
5.Keeyyanni 39 hojii irra ooluu qaba, fi dhaadannoo wal irraa hin cinne dhageessisuudhaan uummata kakaasanii mootummaa wayyaanees rifaasisani jiru,
Itti fufa FDG mooraa yuuniversiti hundaattiyyuu,ka’a sabni oromoo jedhuun dhaamsa isaanii dabarsaa jiru.

Ingen kommentarer:

Legg inn en kommentar