Ebla 8,2014 Gabaasa Qeerroo Adaamaa
Dargaggoonni seenaa dhugaa dhaale,kutannoo fi murannoo onnee irraa madden seenaa Oromoo irraa kanneen hubatnaa gahaa qaban ilmaan Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaaf boqonnaa hin qabne seenaan bu’ura hundaa ta’uu isaa warri adda durummaan beekaan Yaaddannoo wareeggamtoota haadhoo fi abboolee(Anoolee)f jecha Adaamarraa hanga Aanoleetti lafoo deemsa taasisaniin km 66 miilaan(lafoo) kanneen kabajaaf deeman 120 keessaa barattoota Oromoo 20 mootummaan Wayyaanee hidhaatti galche.
Kanneen keessaa 17 shamarree Oromoo yeroo ta’an,Yaadatnoo Anooleef jecha amna dheeraa miillaan deemuun gochaa hammeenya diinaa yeroo yaadatan,bakka kabajaa sanii gahuuf km 9 duwwaan yemmuu isaan hafu bulchiinsa magaalaa Heexosaa aanaa Heexosaa Itayyaatti qabanii kaayyoo kamabajaa Anooleef jecha miillaa luqa’anii dhiigaa kanneen achi gahan keessaa nama 20 alaabaa ABO qabattanii jirtu sababa jedhuun dabarsanii loltoota Wayyaaneetti kennan.
Haalli kun akkaataa itti raawwate guutuun isaa, Dargaggoonni kuni guutummaan isaanii magaalaa Adaamaa irraa kan ta’aan yemmuu ta’an gartokkeen isaanii Yuuniveersitii Adaamaa irraa fi gartokkeen immoo magaaluma adaamaa irraa barattoota koollajjii fi jiraattota,akkasumas ijoollee gumii adda addaa irraatii walitti qabamaniidha. Ka’umsi deemsa kanaa Gumii GADAA’O kan gidduu gala bashaannana dargoogata oromoo ganda 14 magaalaa adaamaatti argamuun kan qindaa’ee yemmuu ta’uu dura ta’aan Gumichaa HUHAABBAA HUSEEN beekamtii deemsi kuni karaa nagaa’a jedhuun bulchiinsa magaalaa irraa waraqaa baasisee ture wanna jedhamuun beeksisni bahee gaafa jimaataa sa’aa 10 irratti manaa POOSTAA magaalaa adaamaa irraa deemsa kan eegale dargaggoota 120 kanneen keessaa durboota 17 yemmuu ta’an. erga magaalaa DHEERAA AANAA DODDOTAA geenyee gareetti wal buusee namooni 20 kophaatti bahanii karaa qaxxaamuraa kan deemaan yemmuu ta’an isaan kunneen ilaalcha adda fi ergama biraa qabu jechuun qoqqobbiin kan ka’ee alaabaa ABO FI Waraqaa baadiyyaa keessa rabsaa deemuufi nurraa adda bahan kan jedhuun basaastoni deemsa dadhabbii guddaa gaafate kana kan karaa dabarsan yemmmuu ta’u maqaan ijoollota kanaa
1,Addunyaa keessoo…….Yuuniversitii saayinsiifi teeknoloojjii adaamaa
2. Walabummaa Dabalee >>
3,Taaddasaa Abbabaa >>
4.Hirphaa Nagaasaa >>
5.Barsiisaa dassaalenyi >>
6.Mokonnin kabbadaa >>
7.Seefuu Baacaa >>
8.Hurrumaa Bashaadaa >>
9.Ayyaanaa Tafarraa >>
10.Ayyaantuu…..kophee malee ishee km 66 deemte yemmuu taa’u filmii caayaa piroomoshinii adaamarraa
11.Eebbisaa Margaa filmii caaya piroomoshinii irraa
12.Caaltuu Nugusee barattuu koolloojjii riftii vaalii
13. Iftuu jiraattuu magaalaa adaamaa
14.Ifaabaas jiraataa magaalaa
15 Bilisummaa jiraataa magaalaa adaamaa
16.Baay’isee barattuu koollajjii baalata’oo
17.Milkoo Milkeessaa barattuu kollajjii riftii vaalii
18.Gammachiisaa Dhaqqabaa Waariyoo Mucaan kuni basaastummaa kan ergame ta’uun irra gahame fi bakkeen isaa kan hin beekamnee dha
19 Gammachuu jiraataa magaalaa adaamati
20 Esheetuu jiraataa magaalaa adaamati
Namoonn 20n kuni galgala sa’aa 1 halkaan keessa gaafa sanbat duraa kan qabanii tooftaadha hidhamanii harka wayyaanee bulaniidha Aanolee erga miilaan gahanii booddee namoonni 100 bulchiinsi magaalaa simannaa godheefi malaan kan karaa bulcheedha akka isaan achin geenyeef,isaan kunnen kan hedhamaniif ijjoollota 20 nu duukaa dhufan bakka itti hiitanii fuunu malee hin deemnu waan jedhaniif kan hidhaman. sababni hidhaameef waa tokkollee hin beekkamne akkamitti lafoo dhufatanii sin shakkamtoota bosonaa dhuftaan alaabaa qabduu waraqaa qabatanii eebbaa siidaa kanaa gufachiisuufi waan jedhu duwwaattu afaani isaan bahaa.Akkaataa kanaan guyyaan yaadannoo sun xumuramee jira.
Ingen kommentarer:
Legg inn en kommentar