Uummanni Amboo Waraanni Wayyaanee Dhiha Oromiyaa Wallaggatti Akka Hin Dabarreef Bakkoota 16 ol ta’anitti mukkeen guruguddaa jigsuun gootummaan diina dura dhaabbatan
Ebla 30/2014 uuummaanni Oromoo fi Dargaggeessii Oromoo Baraattootni Oromoo fi Barattootni Oromoo sadarkaa 1ffaa, 2ffaa, Qopha’inaa fi University Amboo yeroo amma kanatti hiriiraa guddaa guyyaa shaniif itti fufiinsaan gaggeessa jiru. Kessaattuu isa guyyaa har’aa wanti adda isa godhuu, Ummaanni Oromoo Magaalaa Amboo Jaarsaa, Jaartii, Manguddoon, Da’imnii waggaa 8tii olii, Shamarraan Dargaggeessii, Daldaltootni, fi Barattootni utuu hin hafiin keessatti qoodaa guddaa Fudhachuun FDG gaggeeffamaa jira. daandiin konkolaataa Finfinnee Amboo keessa dabarsee Dhiha Oromiyaa geessuu Cufameera,Gudarii fi Amboo Gidduu Bakka 16ttii Daandiin mukaa fi dhagaa Goommaa Konkolaataa karaa irratti Guuruun gubuun, Warannii Wayyaanee akka Wallaggatti gadi hin darbinee Amboo ittisee qabee Bilisummaa isaaf falmachaa jir.
Magaalaa Amboo keessatti daandiin keessaa keessaa fi daandiin guddaan dhagaa fi mukoota karaa irratti guuruun uummaanni daandii cufee;-
- Gaaffii keenyaaf deebii nuuf kennaa Ijioolleen keenya hidhamaan nuuf haa hiikaman,
- Nu hin ajjeesinaa waggaa 24 nuu ajjeessa turtan nurraa galaa isin ga’a .
- Qotee bulaa lafa isaa irraa hin buqqisiinaa,
- Finfinneen bulchiinsa Mootummaa Nannoo Oromiyaa jalatti deebitee Ofii keenyaan bulchachuu qabna,
- Mirga Dimookiraasii Namummaa nurraa hin sarbiinaa,
Warannii kun itti gaafatama seenaa keessa jirtuu nu hin ajjeesinaa mirga keenyaaf falmanna, -Gaaffiin mirga abbaa biyyummaa deebii argachuu qaba, - Bilisummaa barbaadna, garbummaan nu ga’a,
- Isiin nu hin bulchitan, waggaa 24 nutti taphattan,
- Ilmaan Oromoo hidjhaman haa hiikaman
Jechuun Hiriira Nagaa Guddaa ganama sa’aa 2;00 irraa egaluun kan jalqabame hanga amma sa’aatii 8;00tti itti fufee jira, Mootummaan Wayyaanee Sochii uummataa kanatti aaruun rasasasa uummata irratti roobsa jira, rasaasa Waranaana Wayyaaneetiin namoonni hedduun madaa’aniru.
Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi Qophaa’inaa Gimbii fi Mandii keessatti FDG dho’uun itti fufe
Manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa fi Qophaainaa keessatti barattootni Oromoo goototni imaanaa gootawwanii tiksan gaaffii abbaa biyyummaa itti fufuun magaala Gimbii mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi Qophaainaa Kompiriheensivii Gimbii keessatti FDG gaggeessan. Barattootni Oromoo gaaffiin mirgaa ilmaan Oromoo QBO keessatti wareegama baasaa as gahee fi haras itti jiru deebiuu qaba jechuudhaan FDG gaggeessanii jiran. Barattootni oromoo kunneen mana barumsaa keessatti walgahuudhaan tokkummaadhaan ABO gaachana ilmaan Oromoo tahuu kan dhaadatan Yoommuu tahu waardiyaan mana barumsaa fi waraanni mootummaa wayyaanee dura dhaabbatus gaaffii mirgaa irraa humni duuba nu deebisu tokko illee hin jiru, Uummatnis gamtaadhaan kaee falma jabaa gaggeessuutu irraa eegama jechuudhaan murtii dhumaa dabarfatanii jiran. Manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa keessattis barattootni Oromoo gaaffii mirgaa abbaa biyyummaa fi walabummaa Oromiyaa itti fufuu Qeerroon Gimbii gabaasee jira.
Kana malees barattootni Sadarkaa lammaffaa Mandii Mootummaan wayyaanee abbaa irree waan taheef biyya bulchuu hin qabu jechuudhaan dhaadannoo dhageessisaa FDG bobeessan. Mootummaan wayyaanee bakka maraa diddaa gaggeeffamaa jiru dura dhaabbachuu kan dadhabde yoommuu tahu Barattoota Oromoo mana barumsaa Mandii sadarkaa lammaffaa Mandii waraana hedduumminaan itti bobbaasuun reebicha hamaa irraan geessee jirti. Barattootni oromoo mana barumsaa kanaas reebicha mootummaan wayyaanee irraan gaggeessaa jiru dura dhaabbachuudhaan dhaadannoowwan
1. Oromiyaan kan keenya
2. Kanneen hidhaman haa hiikaman
3. Mootummaan wayyaanee Gamboomfataa dha
4. Nuyi Qeerroo dha
5. Oromoon Lagaan hin qoodamu
6. Finfinneen handhuura Oromiyaati
7. Sagaleen Uummata Oromoo haa dhagahamu
Kanneen jedhanii fi biroo dhageessisaa oolanii jiran. Oromiyaa keessatti ibidda qabatee mootummaa wayyaanee barbadeessaa jirutti tumsa Gochuun Oromoon Gumaa gootawwan keenyaa akka deebisu Qeerroon magaala Mandii gabaasee jira.
Goototni Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Dirree Dawaa FDG qabsiisuun diina raasan. Dhaadannoolee garaa garaas dhageessisan
Mootummaa wayyaanee irratti diddaan Barattootaa jabaachuudhaan kan itti fufe Yuunivarsiitii Dirree Dawaa keessatti finiinuun itti fufe. Mootummaan wayyaanee garboomfataa dha, Hundeedhaan buqqauu qaba, Kanneen hidhaman nuuf haa hiikaman, Siidaan Minilk haa buqqau, Finfinneen handhuura Oromiyaatu, Lafa naannawa Finfinnee Murree hin kenninu jechuudhaan dhaadannoo qababachuudhaan ganama saa 8:00 AM irraa kaasanii dhaadannoo dhageessisuu kan eegalan Barattootni Yuunivarsiitii Dirree Dawaa Uummatni Oromoo magaala Dirree Dawaa keessatti argamus Dargaggootni Oromoo hiriiraa fi dhaadannoo dhageessifamaa turetti dabalamuun mootummaa wayyaanee dhiphina guddaa keessa seensisee jira.Goototni barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Dirree Dawaa mootummaan wayyaanee hiriira nagaa seera biyyaan lafa kaawe deebisee dhorkuun isaa abbaa irrummaa isaa dachaan mirkansa kan jedhan yoommuu tahu wayyaaneen waraana hedduumminaan bobbaasuun reebichaa fi doorsisaan akkasumas hidhaan dura dhaabbachuu yaaltus barattootni Oromoo gamtaan kauun diina dura dhaabbachuun dhaadannoo dhageessisaa oolanii jiran.
Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii kanaa Waamicha Oromummaa nu dhaqqabeen gahee keenya baane jechuun Uummatni Oromoo qotee bulaan, daldalaan, Hojjetaan nuyi ilmaan keessan ulee diinaan rukkutamaa fi ajjeefamaa waan jirruuf bakka jirtanii kaatanii waan qabdan maraan diina keenya Wayyaanee dura akka dhaabbatan jechuun Waamicha Oromummaa dabarfatanii jiran.
Godina Lixa Shawaa Aanaa Midaa Qanyiitti FDG Gootota Barattoota Oromoo M/B Ballaammii Sadarkaa 2ffaa Eegale
Ebla 30/2014 Godina Lixa Shawaa Aanaa Midaa Qanyiitti FDG Gootota barattoota Ooromoo M/B Ballaammii sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa fi uummata Ooromoo Magaalaa Ballaammiitiin har’a sa:aa 8:00 wd irraa eegaluun amma gaggeeffamaa jira, hirirri nagaa kun gaaffii barattootni kenyaa dhaabbilee barnoota olaanoo kanneen akka yuunibarsiitii Jimmaa, Harammaayyaa, Amboo, Adaamaa, Wallaaggaa, Mattuu fi Bulee Horaa kaasaa jiran guttummaan isaa Ggaaffii keenya jechuun sabboontotni Bbarattootni mana barumsaa Ballaammii sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa uummaata Mmagaalaa Baallaammii waliin ta’uun hiriira guddaa gaggeessuu irraatti argamu. Akkuma dhaabbilee barnoota olaanoo Gaaffii isaanii iyyaannoodhaan karaa seeraa qabeessaa ta’een Bulchiinsa aanaa Midaa Qanyii fi Bulchiinsa M/B Baallaammiitti galchachuun hiriiraa mormii guddaa kan uummata 4000 ol hirmaachisee gaggeessuu irraatti argamu,
Yeroo amma kanatti akkuma baratame mootuummaan abbaa irree wayyaanee humna waraanaa liyuu hayil fi kora bittinneessa jedhamu hiriiricha dura dhaabuun, Gaazii summa’aa kan nama boosisuu irraatti dhukaasuun bittinneessuuf yaalii guddaa godhus uummaannii fii barattootni nuti mirga keenyatu sarbamee mirga keenyaaf falmannaa jechuun FDG haalaan qinda’aa fi jabaa ta’ee itti fufee jira. Bbarattootni Mana Barumsaa Gabaa Kamisaa sadarkaa 1ffaa kutaa 1 -8ffaa barachaa jiran mana barumsaa gadhiisuun yeroo kanatti hiriirichatti makamaa jiru, Dargaggootni Oromoo mAgaalaa Ballaammii fi Barattootni Ooromoo Magaalaa keessaa nannaa’uun dhaadannoo isaanii dhageesisuun itti fufe. gabaasaan kun itti fufa.
Ingen kommentarer:
Legg inn en kommentar