mandag 14. oktober 2013

ODUU GAMMACHIISAA

Firaa'ol Eebbisaa
Maqaa Adda Bilisummaa Oromootin qaamoleen siyaasaa keenya eddoo saditti qoodamanii qabsaa'aa turan sadeenuu walta'insaan tokkummaa jabeessuf waliigaltee uumaniiru.

Qabxiilen walii galteesaanii hangafoonni; hooggansaaf jaarmayaa tokko jalatti humna jabeeffachuun qabsoo finiinsudha. 
Fkn.f karaa ijaarsaf dandeettii humna waraanaa isa dura ture walitti makuun hirreef sagalee jabaatin diina barbadeessanii Oromiyaa bilisoomsuf murteessaniiru.

Walii galtee qaama ABO jijjiiramaa (qaama ce'umsaa) fi ABO gumii shanee gidduu jiru keessatti humnaaf dandeettii raayyaa waraanaa (WBO) dachaa dachaatin dabaluu jechuun ol guddisuun qaamolee siyaasa Oromoo biyya keessaf ala jiran mara waliin akka wal hin gufachiifnetti qaama tokko jalatti gurmeessuf murteessaniiru. 

Egaa yeroon fedhiif hawwii saba bal'aa Walabummaa baroota dheeraf dheebotame dhuganii dhabsuu bahan amma mirkanaa'ufi.

Bu'aan mirgabbaa biyyummaaf walabummaa keenyas akka utubaa sibiilaa jabaachun dachee Oromiyaa bakkoota hundatti ol ka'ee akka dhaabachuuf ka'e ifa galaadha.

Walabummaan xiqqaa guddaaf dachee Oromiyaa amma mirkanaa'utti jira qabsoon haafiniinu !
moo'ichaaf boojuu deeffachuun warraaksa uummataan dhufu bakkoota hundatti gammachuu facaasa. 

Injifannoon kan hawaasa bal'aati jabaadhaa !

Ingen kommentarer:

Legg inn en kommentar