lørdag 25. juli 2015

Waajjiri Mishooma Qonnaa Oromiyaa “Gamagama” Jechuun Kanneen Filmaata Irratti EPRDFn Filaniif Muuduun Warra Hin Filiin Ammoo Ilaalcha Addaa Qabdu Jechuun Hojii Irraa Arihaa Jira

Oromia samamaa jirtuWaajjira Mishooma Qonnaa Oromiyaa Jedhamee Kan Beekamu Filmaata Darbe Irratti EPRDF Filchiisuuf Kanneen Gahee Bahaniif Muudama Yeroo Kennu Sabboontota Oromoo Ammoo Rakkoo Ilaalchaa Qabdu Jechuun Hojii Irraa Arihuu fi Gaafatama Irraa Fageessuu Murteesse
Baatii Adooleessa 2015 kana keessa gamaggama hojii maqaa jedhuun ajaja caasaalee gadiitti erga diriirseen godinootii fi aanaaleen Oromiyaa qixa ga’umsa hojiisaanii caalaatti mootummaa Wayyaaneef amanamummaan yeroo filmaata sobaa 2015 kanneen dalagaa farra uummataa dalagan yeroo leellifaman kanneen gochicha hin fudhatiniifi uummata isaanii kabajanii jiraachaa turan rakkoo ilaalchaa keessa jirtu jechuun kaabinootaa fi jaleewwan Wayyaaneetiin muddama kennaa jira.
Haaluma kanaan godina Wallagga aanaa Guutoo Giddaa magaalaa Naqamtee fi aanaalee biroo dabalatee Wayyaaneen hojjettoota misooma qonnaa danqaa kan ture yeroo ta’u warreen wayyaaneedhaan ceepha’aman kunis adabaan demotion gara baadiyyaa fagootti sin ergina jechuun itti roorrisuusaa hojjettoonni misooma qonnaa dubbachuusaanii maddeen erga guyyaa lama dura walga’ichi xumuramee beeksisanii jiru
go to link    http://qeerroo.org/2015/07/25/waajjiri-mishooma-qonnaa-oromiyaa-gamagama-jechuun-kanneen-filmaata-irratti

Ingen kommentarer:

Legg inn en kommentar