onsdag 29. juli 2015

Sabboontuun Oromoo Barsiiftuu Talilee(Caaltuu) Aduunyaa Mammoo Sabaabaa Dhukkuba Akka Tasaa Ishee Mudateen Addunyaa kana Irraa Boqochuutti Miseensotiini Qeerroo Bilisummaa Gadda ibsatan.

Adoolessa 27/2015 Sabboontuun Oromoo miseensa Qeerroo Bilisummaa Oromoo kan taate barsiiftuu Talilee(Caaltuu) Aduunnaa Mammoo sabaabaa Dhukkuba akka tasaa ishee mudateen Addunyaa kana Irraa Boqochuutti Gadda guddaa itti Dhagaaame miseensotiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo ibsatan.
Sabboontuun Oromoo Barsiiftuu Taliilee(Caaltuu) Addunyaa Maammoo abbaa ishee Barsiisaa Addunyaa Maammoo fi harmee ishee Addee Shantamee Leejjisaa irraa godina Lixa Oromiyaa Aanaa Midaa Qanyii Ganda Godaa Galaanitti bara 1988tti dhalatte, Umriin ishee akkuma barnootaaf gaeen barumsa ishee sadarkaa tokkooffaa fi 2ffaa Aanaa MIdaa Qanyiitti kan Xummurte yoo tau, bara 2004 A.l.H barnoota ishee sadarkaa Dipiloomaatiin koolleejjii Barsiisota Jimmatti Ogummaa barsiisummaan kan barattee fi bara 2007/2015 Koolleejjii barsiisota Jimmaa irraa eebbifamtee, jalqaba baatii Adoolessaa irraa egaaluun dukkuba akka tasaa Somba ishee qabateen Adoolessaa 25/2015 Addunyaa kana irraa boqochuutti hoggantootni Qeerroo Bilisummaa Oromoo gaddaa guddaa isheef qaban ibsatan. Sirni gaggeessa ishee firoottan ishee fi lafa dargaggootni barattootni fi miseensotni Qeerroo bilisummaa oromoo kumootaan lakkaaman argaman Aanaa Midaa Qanyii ganda gooda galaanitti Adoolessaa 27/2015 rawwatera.
Sabboontoon Oromoo Barsiiftuu Taliilee (Caaltuu) Maammoo bara 2012 sochii warraaqsaa biyyaaleesaa fi Dimookiraasii Qeerroon bilisummaa Oromoo gaggeessuu keessatti makamuun miseensa tauun gaee ishee akka sabboontota barattoota Oromoo kamiitti iyyuu bauun sabboontuu amala qabeettii fi icciitii jarmiyaa jabeessitee eeguu irratti dandeetii fi cimina qabduu taatee argamuun dargaggoota Qeerroo fi Shammarreen Oromoo keessatti jalaala fi kabaja guddaa kan qabdudha. SAbboontuun Oromoo Sochii warraaqsaa FDG bara 2014 miseensotiin Qeerroo Bilisummaa Oromoon qabsifamee finiinaa ture

Ingen kommentarer:

Legg inn en kommentar