Diddaan uummati Oromoo kaase mootummaa Wayyaanee irratti jabaachuun itti fufee Godina Gujii aanaa Shaakkisoo Mana barumsaa Shaakkisoo sadarkaa Lammaffaa fi Qophaa’inaa keessatti Fincilli Uummataa fi Barattootaan gamtaan eegale mootummaa Wayyaanee rifaatii keessa buuse. Fincilli diddaa garbummaa Shaakkisoo keessatti gaggeeffamuu irratti argamu dhaadannoowwanii fi
gaaffiilee mirgaa
1. Mootummaan Wayyaanee saaminsa Warqee fi Albuuda Oromiyaa
hatattamaan haa dhaabu.
2. Barattootni keenya hidhaman ammuma nuuf haa hiikaman
3. Poolisootni Mooraa mana barnootaa qawween tiksuu haa dhaaban
4. Oromiyaan ni bilisoomti dhaadannoo jedhufaa
kan hammate yoommuu tahu mootummaan Wayyaanee diddaa kana dura
dhaabbachuuf waraana hedduumminaan bobbaasuun kan barattoota reebsiste yoommuu tahu barattootnis gamtaan Poolisoota gaaffii mirgaa dura dhaabbatan dhagaan tumuun dura dhaabbachuun fincila hammaataa gaggeessaa oolanii jiran. Yeroo ammaa kana wayyaaneen waraana federaalaa dabalataan galchuun magaala keessatti Uummata reebaa kan jirtu yoommuu tahu hojiin baruu fi barsiisuus dhaabbatee jira.

Diddaa kana keessatti barattootni hedduumminaan 30 ol kanneen tahan kan madaa’anii fi kaan mana hidhaatti kan ukkaamsaman yoo tahu Poolisootni jala deemtota Wayyaanee hedduunis dhagaan tumamanii jiran.
Ingen kommentarer:
Legg inn en kommentar