onsdag 27. august 2014

Breaking News-Yuniversitiin Wallaggaa Dirree Waraanaa Taate.Wayyaaneen Humna Loltuu fi Meeshaa Waraanaan,Barataan Oromoo Ammoo Harka Duwwaa Walitti Bobba’an. Barataan Oromoo Tokkos Saba Isaaf Wareega Qaalii Kafale.

Hagayya 27,2014 Naqamte

diddaa9Barattooti Oromoo Yuuniversitii Wallaaggaa eda hakan walakkeessaa irraa eegaluun hammeenyaa fi roorroo mootummaa abbaa irree Wayyaanee mormuu irraan FDG itti fufanii jiru. Gootonni barattooti Oromoo kun FDG Yuuniversitoota Oromiyaa keessatti qabsiifameen faana bu’uun diddaa roorroof jecha sagaleen jabaan dhageessifachuu itti jiru.
Mootummaan Wayyaanee dirqiin walgahii yaamee barattoota afaan fajjeessuuf kan saganteeffatee ture mormuun aanaa lee Horroo Guduruu,Qeellam,Gimbii,Arjoo fi Leeqaa keessaa walitti qabuun humnaan dirqanii amansiisuu kan jedhu imaamata godhatee jiru guutummaatti dura dhaabbatanii jiru.Mormii torbee tokkoo iliif deeme kana keessatti kan guyyaa har’aa haalaan jabaataa fi sagalee dheekkamsa jibba roorroon kan guutame yeroo ta’u dhadatnoon barattootaa keessa gariin:-
  • Gaaffii mirgaa gaafachaa jirruuf deebiin nuuf kennamuu qaba,
  • Hidhaan, ajjeechaan , barnoota irraa arii’atamuun nurraa dhaabbachuu qaba,
  • Oromiyaan ofiin of bulchuu qabdi, bittaa mootummaa abbaa irree
  • Habashaa TPLF/EPRDF jalaa ba’uu qabna.
  • Humni waraanaa rasaasaan nu reebaa jiru seeraatti dhiyaachuu qaba,
  • Gaaffiin keenya gaaffii mirgaati, gaaffii bilisummaa uummaata Oromooti,
  • Oromoo bakka jirtuu harka walqabadhuu ka’ii!!
  • Oromoo qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisuun dhaabbachuu qaba,
  • Mootummaan EPRDF/TPLF wayyaaneen walaaltuun uummata keenyaa irratti waraana bobbaasuun rasaasaan nu ajjeessaa jirtu nu hin bulchitu.
  • Walaga’ii humna waraanaan dirqamnee taa’uu hin barbaadnu, Wayyaaneen nu ajjeesaa walga’ii nu teesiftuu kun uummataa Oromoo hundaaf hirmiidha., walga’ii wayyaanee hin fudhannu.
  • Gaaffiin mirgaa abbaa biyyummaa uummaata Oromoo kabajamuu qaba,
  • Oromiyaan bilisoomuu qabdi,
  • Nuti haqaaf falmannaa, nuti bilisummaa keenyaaf falmanna,
  • Hidhaa fi ajjeechaan bilisummaa keenyaaf falmachuu irraa duubatti nuhin deebisu,
  • Finfinneen kan Oromooti, faayidaan Finfinnee irraa Oromoon argatuu nuuf eegamuu qaba.
  • Master Planiin Finfinnee guutummaatti haqamuu qaba,Nuti Oromoon biyyaa keenyaaf falmanna, bilisummaa keenyaaf falmanna
jechuun dhaadannoo sagalee guddaa of keessa qabu dhageesisuun walga’ii wayyaanee irratti FDG guddaa qabsiisan.
Mootummaan abbaa irree wayyaanee sochii FDG gootota dargaggoota qeerroo Oromoo kana dhaabsisuuf humna waraanaa guddaa loltoota Agaazii jedhamuun beekaman mooraa Yuunibarsiitiitti ol galchuun doormii barattootni keessa bulan irratti dhukaasa guddaa banuun Yuunibarsiitiin Wallaggaa dirree waraanatti jijjiiramtee jirti, Magaalaan Naqemtees dirree waraanaa fakkaatti.
Dhukaasaa guddaa loltootni Wayyaanee doormii barattoota irratti bananiin barataan Oromoo tokko rasaasaan rukutamee reeffii isaa illee halkan kanaan eessa buuteen isaa dhabamee jiraachuun ittumaa gootota barattoota Oromoo FDGf kan kakasee ta’uun ibsamee jira. Yeroo ammaa kanattis goototni barattootni Oromoo doormii warri Wayyaaneen maqaa walga’iin kennaniif gadi lakkisuun mooraa Yuunibarsiitii keessaa naanna’uun dhaadannoo guddaa dhageesisuun, walleelee warraaqsaan ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo ABO gaggeeffamu faarasan, ABO’n dhaaba dimookiraataawaa kallacha qabsoo bilisummaa Oromoo ta’uun gootota dargaggoota qeerroo barattoota Oromoon leellifamee jira. Mootummaan Wayyaanee shororkeessituu fi abbaa irree itti gaafatama jalaa ba’uu hin dandeenye ta’uu barattootni Oromoo waraana Wayyaanee dura dhaabbachuun ibsan. Haalumaa kanaan yeroo amma kanatti FDG guddaan qabsiifamee mooraan Yuunibarsiitii Wallaggaa dirree waraanaa guddaa fakkatee argamtii, haalli kun keessattuu halkan edaa kana gara barii halkan keessaa sa:atii 9:00 irraa eegaluun FDG guddaan mooraa Yuunibarsiitii Wallaggaa keessatti jabaachuun yeroo ammaa kana sagaalee dhaadannoo guddaa fi dhukaasaa loltoota wayyaanee wal irraa hin citneetu dhagaa’ama jira.

Ingen kommentarer:

Legg inn en kommentar