lørdag 3. mai 2014

Oromian News Update:-Bulchiinsa Aanaa Midaa Qanyii Obboo Shuumii Lataa uummatatti harka kennate.Waajjirri Bulchiinsa Midaqenyii Ummataan Tohatamte.

Geedoo fi tokkee kuttaayyee
Uummanni Oromoo lixa Shawaa Aanaa Midaaqenyii Waajjira Bulchiisa to’ate, bulchaan Bulchiinsa Aanaa Midaa Qanyii Obboo Shuumii Lataa uummatatti harka kennatee jiraachuun dhagahame. Uummanni kanaan boodaa mootummaan jira jettee wajjira galtee beekii jechuun akkeekkachiisuun wajjira cufee ba’uu, danda’era. Hiriirri nagaa fi FDG Oromoon gaggeessaa jiru kun Caasmsaa 3,2014 ganama irraa eegalees itti fufa.
Har’uma Caamsa 2,2014 Magaalota Geedoo fi Baakkootti Uummanni Oromoo fi barattoottni hiriira guddaa gaggeessuun FDG kaasuun falmachaa oolan. Boorus itti fufa.
Horroo Guduruu bakkoota adda addaa keessatti hamma galgala kanaatti itti fufee jira.Caasaa 3,2014 bifa addaan itti fufuuf deemuu qeerroon gabaasa.

Ingen kommentarer:

Legg inn en kommentar